Keep and Share logo     Log In  |  Mobile View  |  Help  
 
Visiting
 
Select a Color
   
 
Nesru Michael

Nesru Michael http://nesrumichael.smmall.cloud/MTc5MDcwOTk1NjUyMA

💓Jaalalleewwan Afuur kan qabu abbaa qabeenyaa(sooressa) beekama tokkotu ture. Jaalallee ishee arfaffaa hunda caalaa garmalee jaalata ture. Waan ishee jaalatuuf waan hundaa isheef gochuun sirritti akka gammaddu taasisa ture.

 

💓Jaalallee ishee sadaffaa ammoo jaalachuu qofa osoo hin taanee ittiinis ni boona; ittiin oftuula; akkasumas bakkee(addababayi)tti itti mul'achuu barbaada. Haa ta'u malee gattee akka hin deemneef baay'ee sodaata.

 

 💓Jaalallee ishee lammaffaas akkasumatti ni jaalata. Ishee lammaffaan tun ammoo waan hundaa kan qalbeefattu, kan hubattu, rakkinni yoo isa muudate illeen kan waliin mari'atuufi furmaatas kan kenniituufii turte.

 

💓Jaalalleen ishee jalqabaa baay'ee amanamtuu fi gara- laafettiidha. Mana isaafi keessumma hunda kan gaggeessituufii jaalallee ishee jalqabaa tanadha. Isheen garmalee ni jaallatti. Soorreesichi kun garuu jaalallee ishee jalqabaa tana guyyuma tokko illeen qalbii isaatti yaadee hin beeku. Onnee isaa keesaattis iddoo kenneefii hin beeku.

 

✍Egaa gaaf tokko dhukkubni itti dhaga'ame... kan hin fayyines ta'uu baree addunyaa badhaadhinaa isaa yaadee akkas jedhe, " Jaalalleewwan afurii fi qabeenya baay'een qaba. Garuu gaafan du'u qofaa koon ta'a. Akkamittin qofa koo ta'a?" Jechuun jaalalleewwan isaa afran(4) waamsisee gaaffii dhiyeessefii.

 

👉"Hunda keessanuu baay'een isin jaaladha. Uffata bareedaan isin bareechee isin jiraachisaan ture. Amma garuu qofaa koo du'uufan jira waan ta'eef qofummaa koo irraa na baraaruuf hundi keessanuu na duukaa koottaa" jedheen.

 

👉Jaalalleen ishee arfaffaa, "gonkumaa hin ta'u" jechuun iddoo jirtuu baqatte. Sooreessichis waan dhaga'etti garmalee gadde.

 

👉Jaalallee ishee sadaffaadhanis, " umrii koo guutuu si jaalachuudhaan jiraadheen jira. Amma hoo ana wajjin ta'uufi garan deemutti na waliin deemuf eeyyamamtuudhaa?" jedheen gaddaan deebii eeggachaatii.

 

"Lakki, jireenyi hin quufamtu, as jiraachuun gaariidha. Kanaafuu du'a keetiin booda heerumee (bultii godhee) jiraachuun fedha" jetteen.

 

👉Soorreesichi kun lapheen isaa yemmuu cabu itti dhaga'ame. Ammas miira abdii kutuun, "bara jireenya koo guutuu gargaarsa yoon barbaadu gara keettan fiiga ture. Atis na gargaarta ture.

 

Ammas ammoo gargaarsa keen fedhaatii na gargaari" jechuun jaalallee ishee lammaffaa gaafate. "Yeroo kanatti si gargaaruu dhabuu kootti baay'een gadda. Wantin si gargaaru yoo jiraate hanga awwaalcha keetti si faana deemee si awwaaluu qofa" gaafa jettuun sooressichi akka nama bakakkaan rukutee bakka jiru wallaale.

 

👉Miira rifannaan qabamee osoo jiru sagalee, "bakka deemtu hundatti si duukaan deema. Sifaanan ta'a" jedhu dhaga'e. Ija isaa ol kaasee yoo ilaalu jaalallee isaa kan inni bakka hin qabneef san ta'uu bare. Sooressichis imimmaan ija hudhaatii, "yoon qabuufi yoon danda'u si kunuunsuun qaba ture" jedhee hammate.

 

⚜Ergaa!⚜

 

✍Egaa jalqabumaayyuu hundi keenyaa jaalallee afur qabna waan ta'eef, kun seenaa mataa keenyaa ta'uu danda'a.

 

👉Jaalalleen teenya isheen arfaffaa "Foon keenya dadhabaa" kanadha. Miidhagina isaaf hanga fedhe yoo dadhabne illeen kan nu biraa hafudha malee nu duukaa hin deemu.

 

✍Jaalallee teenya ishee sadaffaan ammoo qabna jennee kan ittiin boonnuu fi oftuullu, "qabeenyaa fi kabaja keenya" dha. Kunis yoo duune nama biraatti kan darbudha.

 

👉Jaalalleen teenya isheen lammaffaan ammoo, "maatiifi hiriyoota" keenyadha. Bara jireenya keenya keessatti hanga fedhe firummaa fi walitti dhufeenya ykn hiriyummaa yoo qabaanneyyuu wanti gochuu danda'an hanga awwaalchaatti gaggeessuu qofadha.

 

👉Jaalalleen teenya isheen jalqabaa ammoo "lubbuu keenya" jiraattuu bara baraati. Wanta gaariidhaan haa ijaarru. Boru hanga dhumaatti kan nu waliin jiraattu isheedha waan ta'eef.

 

Qabeenyafi waan darbu kuusuuf osoo dhamaanuu gara cinaatti dhiisnu illee hanga dhumaatti waan nu waliin jiaraattuuf sa'aatii dhumaatti osoo hin taane ammuma eegallee kunuunsuu fi eeguun barbaachisaadha.


Creation date: Sep 29, 2026 12:42pm     Last modified date: Sep 29, 2026 12:43pm   Last visit date: Nov 22, 2026 10:20am
1 / 20 comments
Sep 29, 2026  ( 1 comment )  
9/29/2026
12:44pm
Nesru Michael (nesrumichael)

Nesru Michael kasim Ethiopia 🇪🇹 is a fundamental pillar of the education sector